Jalqaba
Eeyyee na dudubbachiisa. Maaliifan hin dubbadhu? Maaliifan callisa? Qaamni koo fayyaa, harki koo fayyaa, iji koos fayyaadha. Nama waanan ta'eef nan dubbadha. Yaada waanan qabuuf nan dubbadha. Dirree kana irrattin dubbadha. Eeyyee nan dubbadha. Barreeffamaanan ammoo dubbadha.
Isin ammoo yoo barbaaddan dubbisaa. Yoo isinitti tole na waliin odeessaa. Yoo isin jibbisiise ammoo itti dhiisaa. Ani dubbachuu hin dhiisu. Ani barreessuu hin dhiisu. Araada kootis. Yaada garaa koo dubbachuun barbaada. Isin ammoo wanta barbaaddan taajjabaa, qeeqaas.
Fuula kana jaallattanii hordofuuf waan murteessitaniif baay'ee galatoomaa!
Barreeffamni gaariin nama boqochiisa, waa nama barsiisa, nama bilcheessas. Barreessuudhaan yaada ofiis ni futtaafatu, kalaqas ittiin tamsaasu, namas ittiin bohaarsu. Wanta beekanis ittiin dubbistootaaf hiru. Dubbistoota waliin wal quunnamuudhaanis, barreessuudhaan hariiroo gaarii fi muuxannoo-wal-jijjiirraa horatu. Dhalootni ammaas dhaloota isa boodaa jalaa callisuu hin qabu. Sadarkaa irra ga'e akkaataa isaa waliin ifoomseefii kan caalutti akka tarkaanfataniif isaan afeeruu qaba. Kanaafan barreessa. Kanaafan barreessuu hin dhiisu.
Barreeffamoota koo hunduma isaaniitu bu'aa isiniif qaba jechuu koo miti. Isin jibbisiisuu iyyuu ni danda'a ta'a. Yoo akkas ta'es garuu, yaada naaf kennaa. Na jalaa hin duudinaa. Na jalaa hin callisinaa. Yaada keessanitti na tuffattanii "Muu!" jettanii uuruu fi funyaan keessan micciirtanii na bira hin darbinaa. Yaada keessan naaf barreessaa. Akka nama bara si'anaatti, akka nama qaroomeetti, akka dhaloota qubeetti iftoominaan fooyya'iinsaaf na tumsaa. Galatoomaa ammoo jedheera.

Comments
Post a Comment