Posts

Maxxansawwan Filatamoo

Baay'een Si Jaalladha!

Image
Jaalalli kee akkam akkam akka na godhu anatu beeka. Ati baay'ee naaf hin hubattu. Gaaf-gaafii na boossisa. Gaaf-gaafii ammoo na kolfisiisa, na gammachiisas. Gaaf-gaafii laphee koo cabsa. Gaaf-gaafii ammoo na aarsee na bobeessa. Walumaa galatti amalli koo jaalala kee irratti erga hundaa'ee bubbulee jira. Ani si jaallachuuf sababa addaa hin qabu. Jireenya keetu natti tola. Eenyummaa keetu na marara. Amala keetu ofitti na harkisa. Maarree, akkamittan si jaallachuu dhiisa; jaalalli kee ittumaa natti caalaa deema malee! Si birattin boqodha. Nagaan argadha. Ati na aarsinaan nan boba'a. Ati na bobeessinaan ammoo nan gubadha. Ati na gammachiisnaanis nan gammada. Si waliin nagaa taanaan, namoota kaan waliinis nagaadha. Yoos keessi koos nagaadha. Amala akka kee qabaachuun qabeenyaa guddaadha. Sin jaalladha. Jaalalli kees akkan tasgabbaa'u na godheera. Ati jaalala kee natti hir'isnaan garuu nagaa hin argadhu. Na quuqa. Natti beekamas. Sin jaalladha! Dhugaadha baay'

Jalqaba

Image
Eeyyee na dudubbachiisa. Maaliifan hin dubbadhu? Maaliifan callisa? Qaamni koo fayyaa, harki koo fayyaa, iji koos fayyaadha. Nama waanan ta'eef nan dubbadha. Yaada waanan qabuuf nan dubbadha. Dirree kana irrattin dubbadha. Eeyyee nan dubbadha. Barreeffamaanan ammoo dubbadha. Isin ammoo yoo barbaaddan dubbisaa. Yoo isinitti tole na waliin odeessaa. Yoo isin jibbisiise ammoo itti dhiisaa. Ani dubbachuu hin dhiisu. Ani barreessuu hin dhiisu. Araada kootis. Yaada garaa koo dubbachuun barbaada. Isin ammoo wanta barbaaddan taajjabaa, qeeqaas. Fuula kana jaallattanii hordofuuf waan murteessitaniif baay'ee galatoomaa! Barreeffamni gaariin nama boqochiisa, waa nama barsiisa, nama bilcheessas. Barreessuudhaan yaada ofiis ni futtaafatu, kalaqas ittiin tamsaasu, namas ittiin bohaarsu. Wanta beekanis ittiin dubbistootaaf hiru. Dubbistoota waliin wal quunnamuudhaanis, barreessuudhaan hariiroo gaarii fi muuxannoo-wal-jijjiirraa horatu. Dhalootni ammaas dhaloota isa boodaa jalaa callisuu hi