Baay'een Si Jaalladha!

Jaalalli kee akkam akkam akka na godhu anatu beeka. Ati baay'ee naaf hin hubattu. Gaaf-gaafii na boossisa. Gaaf-gaafii ammoo na kolfisiisa, na gammachiisas. Gaaf-gaafii laphee koo cabsa. Gaaf-gaafii ammoo na aarsee na bobeessa. Walumaa galatti amalli koo jaalala kee irratti erga hundaa'ee bubbulee jira.
Ani si jaallachuuf sababa addaa hin qabu. Jireenya keetu natti tola. Eenyummaa keetu na marara. Amala keetu ofitti na harkisa. Maarree, akkamittan si jaallachuu dhiisa; jaalalli kee ittumaa natti caalaa deema malee!

Si birattin boqodha. Nagaan argadha. Ati na aarsinaan nan boba'a. Ati na bobeessinaan ammoo nan gubadha. Ati na gammachiisnaanis nan gammada. Si waliin nagaa taanaan, namoota kaan waliinis nagaadha. Yoos keessi koos nagaadha.

Amala akka kee qabaachuun qabeenyaa guddaadha. Sin jaalladha. Jaalalli kees akkan tasgabbaa'u na godheera. Ati jaalala kee natti hir'isnaan garuu nagaa hin argadhu. Na quuqa. Natti beekamas.

Sin jaalladha! Dhugaadha baay'een si jaalladha. Hamman jedhu kanaa olittin si jaalladha. Kana ammoo, keessa koo guutummaan guutuutti argitee na hubachuu baattus akkan baay'ee si jaalladhu ni beekta.

Anis si irraa wanta tokkon barbaada. Innis, akka atis akkuman si jaalladhu na jaallattu. Akka ati na hin jibbine beeka. Kanan barbaadu garuu, akka ati na jibbuu dhiistu qofa osoo hin taanee, akka ati na jaallattuudha. Maaloo, akkuman si jaalladhuu fi hammuman si jaalladhu na jaalladhuutii gammachuu koo naaf baay'isi. Madaa laphee koo fi dheebuu jaalala koos na obaasi.

As irratti hangana dubbachuun koo, gaafa jaalalaa fi yaadni kee natti cimee na miidhuudha. Kunoo sitti himadhe. Atis wanta ani sitti himadhe naaf raawwadhu maaloo. Baay'ee galatoomi. Waan naaf dubbisteef, hamma kana waan na dhaggeeffatteef, ulfaadhu. Naaf jiraadhu sanyii koo!

Comments

Maxxansawwan Bebbeekamoo

Jalqaba