Baay'een Si Jaalladha!
Jaalalli kee akkam akkam akka na godhu anatu beeka. Ati baay'ee naaf hin hubattu. Gaaf-gaafii na boossisa. Gaaf-gaafii ammoo na kolfisiisa, na gammachiisas. Gaaf-gaafii laphee koo cabsa. Gaaf-gaafii ammoo na aarsee na bobeessa. Walumaa galatti amalli koo jaalala kee irratti erga hundaa'ee bubbulee jira. Ani si jaallachuuf sababa addaa hin qabu. Jireenya keetu natti tola. Eenyummaa keetu na marara. Amala keetu ofitti na harkisa. Maarree, akkamittan si jaallachuu dhiisa; jaalalli kee ittumaa natti caalaa deema malee! Si birattin boqodha. Nagaan argadha. Ati na aarsinaan nan boba'a. Ati na bobeessinaan ammoo nan gubadha. Ati na gammachiisnaanis nan gammada. Si waliin nagaa taanaan, namoota kaan waliinis nagaadha. Yoos keessi koos nagaadha. Amala akka kee qabaachuun qabeenyaa guddaadha. Sin jaalladha. Jaalalli kees akkan tasgabbaa'u na godheera. Ati jaalala kee natti hir'isnaan garuu nagaa hin argadhu. Na quuqa. Natti beekamas. Sin jaalladha! Dhugaadha baay...